ONM-ABO Adoolessa 16, 2023
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii baha godina Lixa Harargee aanaa Mi’eessoo keessatti diina du’aa fi madoon adabe.
Kaleessa Adoolessa 15, 2023 gootichi waraana bilisummaa Oromoo aanaa Mi’eessotti lola taasiseen loltoota diinaa irraa 15 ajjeesee 24 madeessuun isnaayippera tokko, AKM Turkii sadii, AKM dachaatuu tokko, piistoo 1, boonbiilee fi rasaasota irraa hiikuun galii qabsoof bilisummaa Oromoof taasisee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!

