ONM-ABO Adoolessa 19, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa Godina Booranaa aanaa Elwayii keessatti kaleessa Adoolessa 18 waraana faashistii PP du’aa fi madoon adabe jira.
Tarkaanfii Cibraan Gooroo Dugdaa Aanaa Elwayii ganda Carii Rufaayii kessaatti fudhateen diina gandicha keessatti mooraa godhattee uummata nagaa saamtee saamsiisaa turte ol itti senuun barudaan jaanjjessee olii fi gadi ari’uun loltoota 4 battala yoo ajjesuu 5 madoo dandammii hin qabneen adabee jira.
Gama meeshaatiinis qawwee AKM 1
Uffaata waraana 28
Galaa kuntaala 11
Faffaa, koshooroo fi kkf irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

