Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBO’n Zoonii Kibbaa Godina Booranaa aanaa Elwayii keessatti diina du’aa fi madoon adabe 

ONM-ABO Adoolessa 20, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n Zoonii Kibbaa Godina Booranaa aanaa Elwayii  keessatti Adoolessa 18, 2024 waraana faashistii PP du’aa fi madoon adabee jira.

Tarkaanfii Cibraan Gooroo  Dugdaa aanaa Elwayii ganda Carii Rufaayii kessatti  fudhateen diina gandicha keessa mooraa godhattee uummata nagaa saamtee saamsiisaa turte ol itti seenuun baaruudaan jaanjjessee olii fi gadi ari’uun  loltoota 4 battalatti yoo ajjeesu  5 madoo dandammii hin qabneen adabee jira.

Gama meeshaatiinis qawwee:  

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zooniilee cufa keessatti waraana weerartuu Bilxiginnaa Abiy Ahimed gadhaabuuf deemtu irratti tarkaanfii fudhachuun du’aa fi madoon adabee meeshaalee irraa hiikuu itti fufuun mooraa bilxiginnaa raasaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version