Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn godina Booranaa aanaa Mooyyaalee keessatti tarkaanfii fudhachuun mooraa keessaa buqqise

ONM-ABO Adoolessa 31, 2023

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii Kibbaa  ganama har’aa, Adoolessa  31, 2023 godina Booranaa aanaa Mooyyaalee ganda Argannee fi Mudhii Ambootti  tarkaanfii waraana faashistii PP irratti taasiseen  gandicha  keessaa buqqisee jira.

Tarkaanfii mooraa waraana garboomsaa irratti fudhate kanaan loltoota Abiy Ahimed hedduu  fi tikoota isaanii du’aa fi madoon adabee jira.

Qaamotni tika waraana uummata naannichaa dararaa turan Daamaa Dooyyoo, Bulee Boruu, Goollicha Guyyoo, Liiban Waariyoo, Jaarsoo Guyyoofaan kan madaa’an yoo ta’u, obboo Goolee dabalatee hedduun  du’aan adabamanii jiraachuun ifoomera.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version