ONM-ABO Hagayya 7, 2023
Hagayya 5, 2023 godina Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum araddaa 11 irraa milishootni shan, shan filamuun gara magaalaa Burqaatti bobbaafamuun namoota nagaa irratti badii tokko malee reebicha geggeessaa jiraachuu odeessi achii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni ifoomsa.
Namoonni reebicha kanaan miidhaman, Hasanoo fi Mahaammad Sheekaa yoo ta’an, Hasanoo miilla cabsuun Mahaammad Sheekaa ammoo buruqsuun ciisaa jiraachuu himaniiru.
Milishoonni adda durummaan reebicha uummata irraan ga’aa jiran Maammudee Maahammad Aliyyii, Abdallaa fi Darajjee nama jedhamu ta’uu ibsan.
Kana malees reebichaan alatti saamicha geggeessaa jiraniin nama tokko maallaqa 2000 yookiin akka araddaatti midhaan nyaataa 200kg gaafachuun uummata rakkisaa jiraachuu fi daandii irratti bahuunis konkolaataa dhaabsisanii saamicha geggeessaa jiraachuu odeessi achii nu qaqqabe ifoomseera.
Murni maafiyaa bilxiginnaa erga aangoo qabatee as nagaa waaraa uummata Oromoof kennee kan hin beekne yoo ta’u, uummata ofiifuu qaala’iinsi jireenyaa hiraarsaa jiru reebuu, ajjeesasuu fi hidhuu dhiisee hin beeku.

