Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Harargee aanaa Gooroo  Guutuu keessatti saamichi kaabinootaa fi waraana sirnichaan uummata irratti raawwatamu jiraattotatti yaaddoo uumuu fi hidhaan hammaachuu dubbatu

ONM-ABO Hagayya 19, 2023

Wal waraansa impaayerattii keessatti adeemaa jiruu fi qaala’iinsa jireenyaa biyyattii mudate irraan kan ka’e uummanni rakkoo hamaa keessatti kufanii wayita argamanitti kaabinoonni sadarkaa olii hanga gaditti jiran Oromiyaa keessatti saamicha daangaa hin qabne raawwachaa jiru.

Kaabinoonni hawaasa keessaa ba’an osoo rakkoo isaanii beekanii uummatuma keessaa ba’anitti garagaluun afaan qawween naasuu tokko malee dirqamaan maallaqa irraa guuraa kan jiran yoo ta’u godina Baha Harargee  aanaa  Gooroo Guutuu ganda Yekkaa Amaan keessatti dheengadda Hagayya 17, 2023 bobba’uun uummata xiqqaa guddaa osoo hin jenne uleedhaan reebanii yaasuun kana booda maallaqni mootummaa biraa ba’u hin jiru isintu kaffala jechuun dirqaman qarshii 1000 kafalchiisaa jiru jedhan.

Aanichuma magaalaa Karraamillee fi ganda Yekkaa Amaan keessatti reebichi fi hidhaan hammaatee kan jiru yoo ta’u, namoonni hedduunis hojii isaanii malee hidhamaa fi reebamaa jirus jedhaniiru.

Dargaggoon Xayyaar Aliyyii Muummee jiraataa ganda Yekkaa Amaan yoo ta’u waraanni fi dabballoonni sirnichaa  mana dhuunfaa isaatti itti dhaquudhaan erga marsanii dhukaasaniin booda manuma isaa irraa qabuun uleen erga reebicha ulfaataa irratti geggeessanii waajjira poolisii aanaa Gooroo Guutuu magaalaa Karraamilleetti darbatame jedhu.

Waajjira poolisii  maatiin dhaqanii yeroof yaaliin akka godhamuuf  gaafatanis heyyamuufii akka hin dandenye dubbachuun dhiibbaan waraanaaf kaabinoota sirnichaan irratti geggeeffamaa jirus daangaa darbuu jiraattotni ni dubbatu.

Guyyaa kaleessaa Hagayya 18, 2023 ammoo aanuma Gooroo Guutuu araddaa Yekkaa Amaan keessatti  kaabinootni sirna maafiyaa PP kun ganama sa’a 12:00 qabuun humnaan waltajjii uummata waamanii maallaqa irraa guuraa turuun barameera.

Exit mobile version