Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godiinota Baalee lamaan keessatti hanqina xaa’ootiin walqabatee, sanyiin yeroo faca’uu qaburra darbaa jiraachuu jiraattotni dubbatan

ONM-ABO Hagayya 19, 2023

Qonnaan bultootni godinoota Baalee lamaanii tibba itti oomishni sanyiilee midhaan garaa garaa faca’uu qabutti, sababa waajjirri qonnaa godinoota kanneenii xaa’oo dhiyeessuufii dadhabeen, sanyiin yeroo faca’uu qabu irra darbaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Uummatni godinoota kanneenii ammaan dura sababa qaamni xaa’oo dhiyeessuuf gatii akka malee jalaa qaalesseef haala rakkisaa keessa turuu kan himan yoo ta’u, amma ammoo fala dhabanii horii isaanii gurguruun gatiima qaaliin sanaaniyyuu argachuuf yeroo jedhanitti miseensa bilxiginnaa fi fira kaabinee ta’uun ulaagaa jalqabaa ta’es jedhan.

Qaama dhugaaf walqixxummaan nu tajaajilu dhabuun ooyiruu qotannee sanyii irra facaafachuuf qopheeffanne duwwaatti nu jalaa hambisaa jiraachuun diinummaa sirnichi uummata Oromoof qabu ifatti nutti agarsiiseeras jechuun jiraattotni komatan.

Haa ta’u malee murni faashistii PP bittaa xaa’oof qarshii biliyoona tokkon baase jechuun dubbatus qonnaan bultootni garuu xaa’oo dhabuun ooyiruun osoo hin qotamin hafaa fi dhabne jedhanii gaafachuun ajjeefamaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version