Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree keessatti rakkoo keessoo isaaniif kaabinoonni murna bilxiginnaa  aangoo irraa wal buusaa jiraachuun ifoome

ONM-ABO Hagayya 21, 2023

Murni bilxiginnaa bulchiinsa ititaa kennuu dadhabuun keessoo isaaniin wal qorachaa fi aangoo irraa kan wal buusan yoo ta’u, caasaa gandaa irraa eegalee hanga qondaaltota ol aanootti rakkoo wal  gidduutti uumuun aangoo irraa wal buusuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan Hagayya 18, 2023 godina baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree Ganda Baqqoo Jimaa keessatti caasaan aanaa bulchitoota gandaan walitti dhufeenya waraana bilisummaa Oromoo qabdu jechuun, nama maqaan isaa Abdujabbaar Ahimed Imad jedhamu aangoo irraa buusuun barameera.

Wal dhibdee keessoo isaanii kanaan yeroo dheeraaf wal qorachaa turuun nama maqaan isaa Ahimad Yuusuuf Sharif irraa matta’aa qarshii 27,000 irraa fuuchuun aangootti kan fidan yoo ta’u, qorannoo sobaan wal yakkuu kaabinootni aanaa wal gidduutti geggeessaniin kaabinoota isaaniif hojjechaa turan aangoo irraa buusaa jiraachuun ibsameera.

Exit mobile version