Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Arsii Lixaa, aanaa Siraaroo keessatti uummata gadda taa’ee jiru jumlaan qabanii reebuun hidhaatti darbuun barame

ONM-ABO Hagayya 22, 2023

Gadda taa’uu hin dandeessan kan jedhu bilxiginnaan godina Arsii Lixaa keessatti uummata akkuma aadaatti gadda irra jiran jumlaan qabuun reebicha erga irratti raawwataniin booda hidhan.

Hagayya 20, 2023 Arsii Lixaa Aanaa Siraaroo keessatti maatii Obbo Oggatoo jalaa namni boqonnaan maaliif gadda teessan jechuun uummata bakka sanatti argame maraa fi maatii namni jalaa boqote  walitti qabuun mana hidhaa geessanii dararaa erga turaniin booda kan gadhiisan yoo ta’u, maatii Obbo Oggatoo hanga guyyaa har’aatti mana hidhaa keessatti dararaa jiraachuu maddeen keenya gabaasaniiru.

Aanaa Siraaroo magaalaa Lokkee keessatti hidhamuun reebichi hamaan irratti gaggeeffamaa kan jiru maatiin Obbo Oggatoo kun
1. Gammadoo Rabbayaa
2. Badhaasoo Oggatoo
3. Dannaboo Oggatoo
4. Addichaa Oggatoo fi
5. Fayisaa kanneen jedhaman yoo ta’u, jarreen kun badii qabaatanii osoo hin taane, hayyama keenyaan alatti maaliif boo’icha teessan jechuun hidhamanii dararamaa akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version