Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Oduu AmmeeMootummaan abboota Sinoodoosii Oromiyaa fi Sabootaa hundeessan magaalaa Bishooftuutti mana waliin kireeffatan keessaa hanga boru guyyaa sa’aatii 5tti akka bahan akeekkachiise

Mootummaan abboota Sinoodoosii Oromiyaa fi Sabootaa hundeessan magaalaa Finfinneetti mana tokko keessatti ugguree tursiise.

Guyyoota muraasa dura bakka itti ugguree tursiise magaalaa Finfinneetii akka bittinnaa’an gochuuf wayita aryatu abbootiin kunneen magaalaa Bishooftuutti  mana kireeffatan.

Humnootiin tikaa mootummaa hordofanii dhaquun nama mana itti kireesseen hatattamaan baasi jechuunii kan himan abboonni kunneen, namni mana itti kireesse mirga abboota kanaa sarbuu hin danda’u, kireeffatanii jiraachuun mirga jedhuunis humnoonni tikaa dorsisa cimaa irraan gahuu ibsaniiti jiru.

Kanaanis hanga boru guyyaa akka sa’aatii Itoophiyaa sa’atii 5tti bakka kireeffatanii akka bahan humnoonni tikaa akeekkachiisuu himaniiru.

Kanaanis rakkoo hammaataa keessa jiraachuu kan himatan abbootiin sinoodoosii Oromiyaatiin muudaman 25, haala lubbuu isaaniitiif sodaachisu keessa jiraachuu dubbataniiru.

Abbootiin sinoodoosii Oromiyaa fi Sabootaa hundeessan mirga Afaan ofiin waaqeffachuu barootaaf Sinoodoosiin Itoophiyaa ugguree turetti furmaata waaraa gochuun gaaffii amantootaa deebisuuf Sinoodoosicha hundeessan.

Erga sinoodoosicha hundeessanii uumanni guutuu Oromiyaatti gammachuun bahee simate.

Haala kanaan kan dallane sinoodoosiin Itoophiyaa abboota kana cabsuu fi gaaffii amantootaa karaatti hambisuuf halkanii guyyaa hojjataa ture.

Sinoodoosiin Itoophiyaa hookkara kaasuun Sinoodoosii Oromiyaa fi Sabootaa gufachiisuuf yaalee dadhabe maqaa araaraan mootummaa harka qabatee dhufe.

Mootummaanis sinoodoosii Itoophiyaa Abuna Abriham fi Abuna Pheexiroosiin oofamu waliin ta’uu filachuutu himama.

Gama tokkoon Oromootu biyya bulcha jedhaa gama biraan gaaffii mirgaa uummata Oromoo ukkumsuuf hanga kana deemuun mootummaa qaanfachiisaa fi godaannisa seenaan yoomuu hin dagannee jedhan warri yaada kennan.

Exit mobile version