Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamteetti sarbamiinsi mirga namoomaa jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Adoolessa 13, 2025 

Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamteetti jaleewwan Bilxiginnaa impaayera jiguu geesse utubuuf ifaajan, torban darbe irraa eegaluun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’etti halkan halkan mana siree magaalichaa irra deemuun sakkatta’insa hamaa taasisaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Akka jiraattonni himanitti, nama waraqaa eenyummaa hin qabnetti maqaa adda addaa itti maxxansuun dararaa jiraachuu himuun, imaltoota bakka biroo irraa magaalicha keessa siree kireeffatanii bulan maqaa “ergama Waraana Bilisummaa Oromoo dhuftan” jedhuun nama dhimma dhuunfaa fi hojii idilee isaaf imala irra jiru doorsisuu irraa eegalee hanga ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuutti dararaa ulfaataa raawwachaa kan jiran ta’uu dubbatu.

Magaalicha keessaa abbootii qabeenyaa mana siree qaban yeroo yeroon walga’ii waamuu fi itti deddeebi’uun doorsisaa waan jiraniif gara fuula duraatti lukkeeleen Bilxiginnaa haala kanaan itti fufnaan rakkoo dinagdee hamaa fi sodaa nageenyaaf akka saaxilaman itti dabaluun ibsamee jira.

Exit mobile version