ONM-ABO Sadaasa 26, 2024
Ergamtoonni Bilxiginnaa uummata Oromoo irraa qawwee hiikaa finxaaleeyyii ilmaan nafxanyaa ammoo michoomfachuun bobaa jala kaawwatanii harka wayyaa jalaatiin qawwee itti hidhaa uummata Oromoo qe’ee isaa irraa duguugsisuuf shira hojjetan itti fufanii jiru.
Dhumaatii uummata Oromoo har’aaf inni angafaa murni Bilxiginnaa meeshaa fi gargaarsa finxaaleeyyii Amaaraaf gochuufii ta’uun kan beekamu ta’us yeroo ammaa kanas Bilxiginnaan gocha isaa kana irraa deebi’uu dadhabuun badii isaaf haala mijeessaa jira.
Haaluma kanaan bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 04 keessa maandheffatanii kan jiraatan finxaaleeyyii ilmaan nafxanyaaf murni Bilxiginnaa magaalaa Naqamtee Sadaasa 22, 2024 halkan dhoksaadhaan qawwee hiraafii turuu maddeen amanamoon magaalaa Naqamtee irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Maddeen itti dabaluun akka himanitti, yeroo ammaa kana akka magaalichaatti jarattiin kun uummata Oromoo fixuuf sochii eegaltee jiraachuu himuun, dhuma irrattis uummanni magaalaa Naqamtee keessattuu jiraattonni ganda 04 of eeggannoo cimsuu fi of qopheessuu akka qabu jechuun dhaamsa isaanii dhaamaniifii jiru.

