Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ajjeechaan hidhattoota finxaaleyyii Amaaraa fi murna bilxiginnaan uummata Oromoo Walloo irratti geggeefamaa jiru jabaatee itti fufe

ONM- ABO Bitootessa 18, 2024

Waraanni murna bilxiginnaa Abiy Ahimediin durfamu lola hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon Oromoota Walloo irratti taasisaa jiran da’oo godhachuun, yeroo uummanni hidhattoota kanaan wal lolu duubaan itti dhukaasuun ilmaan Oromoo ajjeessuu fi madeessuun himame.

Lola guyyaa kaleessaa Bitootessa 17, 2024 sa,a 6:00 irraa eegaluun hidhattoota finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo kanaan uummata Oromoo irratti banameen namoonni hedduun kan ajjeefamanii fi madaa’an yoo ta’u kana irraa hafuun murni bilxiginnaa nama uummata Oromoof dirmatu of fakkeessuun hawaasa Oromoo erga of dura buuseen booda humna waraanaa duubaan itti fe’uun ilmaan Oromoo namoota 4, yoo ajjeesan 10 ammoo madoo dandammii hin qabneen waraanni faashistii PP Abiy Ahimed hawaasa Oromootti bobbaaseen raawwachuu warreen ijaan argan dhugaa hin haalamne ta’uu ni dubbatu.

Ilmaan Oromoo waraana faashistii PP’n ajjeefaman kunneenis kan maqaan isaanii nu ga’e muraasni, Umar Muhee ganda Baxxee, Ibraahim Adam Abdallaa ganda Baalcii, Sa’id Mohaammed ganda Baalcii, Shaaroo Maqas ganda Baalcii yoo ta’an, warroonni madaa’an ammoo, Hasan Mohaammed Hesamaa ganda Baxxee, Sa’id Muusaa Umaree ganda Jawwahaa, Mohaammed Hasan Mohaammed ganda Baxxee ta’uu himuun, madoon isaanii illee madoo hamaa ta’uu jiraattotni ONM’tti himan.

Mataan nafxanyoota Abiy Ahimed kaayyoon isaanii uummata Oromoo lafa irraa duguuguu waan ta’eef hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraa maqaa uummata Amaaraa eegdu jedhuun meeshaa hidhachiisuun uummata Oromoo akka ajjeesanii fii saamanii hundee isaanii jabeeffataniif hidhachiisuun isaa ni yaadatama

Dabalataanis Bulchaan Zoonii Ahimed Alii, jedhamuu fi fakkaattoota isaa itti gaafatamaa magaalaa Harawaa namoota Huseen Mohaammed Ibraahim jedhaman dabalatee gaafa Bitootessa 16, 2024 walttajjii Bahirdar deemuun hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraa kana waliin mariirra akka oolanis maddeen keenya ibsaniiru.

Exit mobile version