ONM-ABO Bitootessa 8, 2024
Hidhattootni murna bilxiginnaan meeshaa hidhachifaman uummata nagaa hojii dhuunfaa isaa irratti bobba’uun jiraatan ajjeechaa fi saamicha akkasumas, gubaatii manneen isaanii irratti raawwachaa jiru.
Humnoonni badii finxaaleeyyii Amaaraa kunneenis dhaadannoo Oromoota Walloo lafa irraa dhabamsiifna jedhuun gad ba’e hojiitti hiikuun uummaticha ajjeechaa suukkanneessaa fi saamicha akkasumas gubaatii manneenii irratti raawwachaa jiru.
Akkuma kanaanis Bitootessa 4, 2024 irraa eegaluun hanga Bitootessa 6, 2024’tti lola hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa kun hawaasa Oromoo irratti taasisaniin bakka Jaarraa, Caaccoo fi Diidoo Caffee Biluu, jedhamutti uummata Oromoo irratti dhukaasa bananiin namoota hedduu, ajjeesuun gariin madeessanii jiraachuu maddeen hawaasaa ONM’tti himaniiru.
Namoota hidhattoota kanaan ajjeefaman keessaa kan maqaan nu ga’e Adam Makkahan ganda Caffaa Roobit, Aliyyii Adam Massitoo Caffaa Garboota, Adam Umar Abbagaar ganda Hulaa irraa yoo ajjeefaman warrootni madaa’an ammoo maqaan isaanii Ahimed Adam Yasufaa ganda Coqorsoo, Siraaj Adam Darsee Coqorsoo, Daanyee Diimaa, Gooffee, Hasan Rikkaash ganda Komee, Mohaammed Ammaduu ganda Qorii Murrii fi Shamarree maqaan ishee ammaaf nun geenyes ganda Cirrii irraa madeessanii jiraachuu jiraattotni ONM’tti himaniiru.
Humnoonni finxaaleeyyii Amaaraa kun lola ijjibbaataa maqaa jedhu moggaafachuun, uummaticha irratti qindoominaan duula duguuggaa sanyii bananii jiran kanaanis hawaasa Oromoo irra miidhaan hanga kana hin jedhamne kan ga’ee fi hidhattootni kunneen yeroo ammaas meeshaalee gurguddaa qopheeffachuun qophiitti akka jiranis maddeen dabaluun ifoomsaniiru.
Murni bilxiginnaa yeroo hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa faannoo jedhaman kun uummata Oromoo irratti ajjeechaa saamicha gubaatii manneenii fi baqqaatii hamaaf hawaasicha saaxilan callisee ilaaluun isaa uummata Oromoo kan yaaddesse yoo ta’u, qaamni biyyan bulcha jedhus callisee nu ilaalaa waan jiruuf rakkoo keenya qaama itti himannu dhabnee rakkachaa jirra kan jedhan jiraattota godina Wallooti.

