Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee bataskaana Garbeelii jedhamu keessaa sababa doorsisa finxaaleeyyii Amaaraaf amantoonni hedduun akka itti mana amantichaa deeman dhabuun himame

ONM-ABO Adoolessa 29, 2024 

Kutaalee Oromiyaa cufa irraa mana amantaa dahoo godhachuun saboota adda addaa walitti buusuuf ergama bilxiginnaa fi finxaaleeyyii Amaaraa fudhachuun uummata Oromoo mana amantaa keessatti adamsanii qabsiisuu fi ukkaamsuun qabanii bilxiginnaa gammachiisaa kan jiran ta’uun kan beekamuu fi manneen amantaa keessatti doorsisni ilmaan Oromoo irratti godhamu jabaatee itti fufeera.

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee bataskaana Garbeelii jedhamu keessaa sababa doorsisa finxaaleeyyii Amaaraaf amantoonni addatti immoo dargaggootni hedduun akka itti mana amantichaa deeman dhabuun himamee jira.

Manneen amantaa Ortodoksii magaalicha keessatti argaman keessatti Afaan Oromoon akka hin lallabamneef namoonni ergama finxaaleeyyii Amaaraa bahachuuf jecha addatti immoo mana amantaa bataskaana Gabri’eelii jedhamu keessa dahoo godhachuun finxaaleeyyiin Amaaraa baay’een ilmaan Oromoo irratti doorsisa ulfaataa ta’e geggeessaa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.

“Sababa doorsiisa namootaa tokko tokkoon erga mana amantaa kana deemuu dhiisnee turreerra kan jedhan amantootni, namicha maqaan isaa Zalaalem jedhamu hojjetaa eegumsa bataskaana Gabri’eelii Naqamtee kan ta’e addatti dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun jibbaa fi tuffii uummata Oromoof qabu agarsiisa jedhan.

Gaafa ayyaana Tulluu Ejersaa jedhamee beekamu ijoolleen sabaan Oromoo ta’an akkuma amantaa tokkootti waaqefachuuf yeroo bataskaana sana deeman ‘as keessa akka hin dhaabbanne’ jedhee dargaggoota hedduu mana amantaa keessaa ari’e” jechuun amantoonni dubbisne kun dubbatu.

Kana malees, yeroo adda addaatti meeshaa waraanaa hidhachuun uummata Oromoo magaalichaa mana amantaa sana deeman irratti xiyyeeffachuun, mana amantichaa dirree lolaa fi dhiigni itti dhangala’u gochuuf tattaafachaa jiraachuu amantootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version