ONM-ABO Hagayya 28, 2023
Dheerachuu waraanaatiin rakkoon nageenya Oromiyaa keessa jiru xumura argachuu dhabuun, kufaatiin diinagdee fi gaaga’amni guddaan waraana bilxiginnaa irraan kan ga’e yoo ta’u, gama biroon ammoo Oromiyaa keessatti namoonni nagaan waraana sirnichaan hidhamuu, ajjeeffamuu, saamamuu fi gudeeddiin haadholii Oromoo fi daa’imman umriin isaanii hin geenye irratti dirqiin raawwatamuu dabalatee sarbamiinsi mirga namoomaa seerota idil addunyaa cabsan raawwatamaa jira.
Bifa Kanaan godina Arsii baha ona Zuwaay dugdaa gandoota onichaa hedduu keessatti waraanni bilxiginnaa bobba’uun maqaa waraana bilisummmaa Oromoof odeessa kennitu, tumsituu fi loojistikii isaaniiti jechuun torbee darbe irraa eegalee hanga kaleessa Hagayya 27, 2023tti qabuun mana hidhaatti darbataa jiru.
Namoota nagaa mana hidhaatti dararamaa jiran keessaa muraasni Rahimaa Yaaddessaa daa’ima ganna lama waliin, aadde Xayibaa maatii Jaal Dhugaa, Ahimed Ijaaroo, Haaji Bariisoo, Sulxaan Amaan, Mubarak Jamaal, Waadoo Bakare, Abdii Amaan, Qumbii Dhugaa, Galasoo Dafoo, Abdurramaan Dafoo, Kaliil Furoo, Huseen Tibbaa Abishuu fi Jamaal Dhugaa dabalatee namoota hedduu maqaan nu hin ga’iin magaalaa Ogolchoo fi gandoota baadiyyaa ona Zuwaay Dugdaa keessaa walitti qabanii hidhanii jiru.
Oduu biraatiin godina Qellem Wallaggaa ona Gidaamii ganda Kommii Kojjii naannoo laga Soombootti dararaa fi gudeeddiin haadholii Oromoo fi daa’imman umriin isaanii hin geenye irratti humnaan raawwatamaa waan jiruuf namuu manaa ba’ee bakka hojiitti bobba’uun ulfaataa nutti ta’eera jechuun jiraattootni ona Gidaamii ONMtti himaniiru.

