ONM-ABO Hagayya 30, 2023
Murni faashistii PP ergamtoota isaa uummata nagaatti bobbaasuun qe’ee isaanii irratti ajjeechaa, saamicha, hidhaa fi buqqaatii irraan ga’uun uummatni dhalachuu isaa hanga abaarurraan ga’anii jiru.
Haaluma kanaanis Hagayya 25, 2023 godina lixa wallaggaa aanaa Begii ganda Xiilloo bakka addaa Nooraa jedhamutti waraanni faashistii PP maqaa sakatta’insa waraana bilisummaa Oromoo jedhuun bobba’an badii tokko malee dargaggoo Gammachuu Tamasgeen jedhamu rasaasaan rukutuun madeessan.
Dabalataanis bakkuma Gammachuu rukutanitti loon hawaasaa torba rasaasaan kan rukutan yoo ta’u, achi keessaa loon 2 du’anii 5 madaa’uun barameera.
Faashistootni Abiy Ahimed aanaa Begii keessatti qoricha hawaasa irraa kutuun koleeraa fi busaan akka du’an taasisuu dabalatee gochoota adda addaa uummata ittiin doorsisuu dandeenya jedhan akka meeshaalee waraanaatti hawaasa irratti fayyadamaa jira.

