Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hoogganaan waajjira galii godina Baalee Bahaa Shamarree keessummeessituu hoteelaa tokko rasaasaan rukutee madeesse

ONM-ABO Fulbaana 2, 2023

Kaabinoonni PP gulantaa aangoo harkaa qabanii fi humna waraanaatti hirkatan, gochoota saalfachiisoo uummata keessaa dhalatan irratti raawwachaa kan jiran yoo ta’u, godina Baalee Bahaa keessattis hogganaan waajjira galii godinichaa Marshaa Xilahuun jedhamu magaalaa Gindhiir keessatti shamarree keessummeessituu hoteela Barakat kan taate nama maqaan ishee Aminat jedhamtu, na waliin sagaagaluu didde jechuun piistoo itti dhukaasee madeessuu maddeen himan.

Akka maddeen jedhanitti Marshaa Xilahuun hogganaan waajjira galii Baalee bahaa, hoteelicha keessaa dhugaatii dhugee quufee macha’uun shamarrittii akka wajjin sagaagaltuuf gaafatullee sababa isheen tole jechuu diddeef jecha rasaasaan rukutee madeessuun, dubbicha ukkaamsee dhoksaatti yaalchisaa kan jiru yoo ta’u, rasaasni itti dhukaafame miila ishee madeessuun haala ulfaataa keessa jiraachuu ishees himan.

Yeroo gochi kun raawwatu hogganaan Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii godina Baalee Bahaa Ballaxaa Daadhii namni jedhamullee achi kan ture ta’uu kan himan maddeen, namoonni kunneen maallaqa, aangoo fi meeshaa waraanaa harkaa qabanitti dhimma ba’uun shamarran hedduutti taphachaa kan jiran ta’uus dubbataniiru.

Exit mobile version