Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun saamichi qabeenyaa nurratti raawwachaa jira Jedhu jiraattotni

ONM-ABO Fulbaana 12, 2023

Saamichi ilmaan Oromoo irratti karaa murna bilxiginnaa labsamee jira Kan jedhan jiraattotni magaalaa Dambi Dolloo, erga Abiy Ayimad gara aangootti dhufee kaasee gochootni Ilma namaaf hin malle, haadhi ulfaa waraana sirnichaan ajjeefamuu dabalatee, dargaggootni gariin adamsamanii hidhamaa, kaan ammoo umurii isaanii Mana hidhaa keessatti dabarsaa kan jiran yoo ta’u, ammammoo nama hidhanii maallaqa gaafachuun haalaan jabaachaa jiraachuutu dubbatama.

Haaluma kanaan godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda 03 keessa Kan jiraatu nama maqaan isaan obbo Yohaannis jedhamu irraa  hoogganaan poolisoota humna addaa maqaa farra riphee lolaan of waamanii kan maqaan isaa Daani’eel Abbabaa jedhamu erga qabee hidheen booda waraana Bilisummaa Oromoo deggerta jechuun qarshii 50,000 bilbila isaa irraa dabarfachuu maddeen magaalaa Dambii Dolloo himan.

Dabalaatanis aanaa Sayyoo ganda Alakuu sanaagaa keessatti torbee darbe waraanni maafi’aa pp sochii baadiyyaatti taasisaniin Doqdoqqee tokko obbo Efreem Dheeressaa jalaa Kan WBOti jechuun fudhatanii Kan deeman yoo ta’u, ganda Miinkoo Leencaa keessaa ammoo Daandii sirreessina jechuun maallaqa uummata harkaa fuudhuun hanga ammaatti hin hojjetin jiraachuu fi abboota qabeenyaa konkolaataan aanota irraa gara magaalaa godinaatti buna fe’atanii fi konkolaachistoota irraas qabeenya saamaa jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

Exit mobile version