ONM-ABO Muddee 22, 2023
Murni bilxiginnaa dargaggoota Oromoo lafa irraa duguuguuf karoorfatee hojjechaa kan jiru yoo ta’u karaa tokkoon maqaa waraana bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun yoo ajjeesuu karaa biraan ammoo jumlaan guuree adda waraanaatti fe’aa jira.
Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa jechuun Muddee 21, 2023 Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Yettii Yaadannoo jedhamu keessatti dargaggoo maqaan isaa Gammee Taamiruu jedhamu qe’ee warra isaatti itti dhaquun erga fuudhanii deemaniin booda maatii isaa itti waamuun ijuma maatii isaa duratti ajjeesuu maddeen ONMtti himan.
Dargaggoon kun nama siyaasa irra bilisa ta’ee fi hojii qonnaa kan ofii fi maatii isaa hojjechuun kan jiraatuu yoo ta’u lafa waraanni bilisummaa Oromoo gandicha keessa hin jirretti rasaasa itti roobsun ajjeesan.
Akkasuma saamichi fi reebichi namoota nagaa irratti gandicha keessatti raawwatamaa jiru kan jiraattota yaadeessee fi uummanni ba’ee galuufuu yaaddoo guddaa keessa jiraachuu maddeen kun dabaluun ibsaniiru.

