Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti hidhattoota sirnichaan dargaggoon tokko ajjeesuun, dargaggoota lama qabuun hidhan

ONM-ABO Amajjii 9, 2024

Impaayera Itoophiyaa keessatti Oromoon mirga lubbuun jiraachuu dhabuun akka bineensaatti erga koloneel Abiy Ahimed gara aangootti maqaa Oromoon ol ba’e kaasee ajjeechaa jumlaa dabalatee dargaggoonni hedduun hirbaata rasaasaa ta’aa jiru.

Guyyaa dheengaddaa jechuun Amajjii 7, 2024 Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Gobbii Ijaarii Keessatti hidhattootni sirnichaa gandichatti bobbaafaman dargaggoo Kaasahuun Maanja’uu jedhamu ija haadha isaa biratti osoo haati isaa miila isaanii irratti kuftee kadhattu rasaasaan mata isaa keessa rukutanii ajjeesuu jiraattotni bakkichaa himan.

Guyyuma sana dargaggoota lama kan maqaan isaanii Jamaal Wandimmuu fi Biqilaa jedhaman qabanii deemuun hidhanii jiraachuus dabaluun dubbatu.

Dargaggoonni kunneen balleessaa tokkollee kan hin qabnee fi hojii dhuunfaa isaanii fi kan maatii irratti bobbaa’anii kan jiraatan yoo ta’an, Oromoo dhuma ta’uu isaaniif akka ajjeefaman jiraattonni kunneen ifoomsaniiru.

Exit mobile version