Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyoo, Anfilloo fi Yamaaloogii Walal keessatti murni PP ajjeechaa jumlaa uummata irratti raawwachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Amajjii 24, 2025 

Dhiiga qulqulluu dhangalaasuun barcuma aangoo isaanii tikfachuun amala mootummoota abbaa irree keessaa isa tokko oggaa ta’u, yeroo ammaa kanas abbaan irree impaayerattii guddisni ilmaan nafxanyootaa koloneel Abiy Ahimed kaayyoo dabaa abboota isaa irraa dhaale galmaan ga’uuf Oromiyaa cufa keessatti guyyaa dhufee darbuun lubbuu ilmaan Oromoo harcaasaa oola.

Amajjii 19, 2025 aanaa Sayyoo ganda Alakuu Sanaagaa keessatti nama maqaan isaa Obbo Xilahuun Dhaabaa jedhamu abbaa ijoollee shanii kan ta’e halkan mana isaatii qabuun ganda Alakuu Abbootti ajjeesanii gatuun reeffa isaa bineensa kan nyaachisan oggaa ta’u, gandichuma magaalaa Saasii keessatti ammoo nama maqaan isaa Qidamuu Mokonnin Tarfaa jedhamu mana isaa keessaa butuun aanaa Yamaaloogii Walal geessanii ganda Hordoof Kaallaatti ajjeesanii gatuu maddeen ONM’tti himan.

Ajjeechaan kun ittuma fufuun Amajjii 22, 2025 aanaa Anfilloo ganda Yattii jedhamtu keessatti halkan itti seenuun namoota nagaa shan kanneen maqaan isaanii: 

  1. Abiraam Taaddasaa, 
  2. Firoo Mitikkuu, 
  3. Taammiraat Tasfaa, 
  4. Abuluu Fiqaaduu fi 
  5. Ashannaafii Abbiyyee 

jedhaman sababa tokko malee bakka tokkotti jumlaan ajjeesuun yakka suukkanneessaa dalaguu maddeen gabaasan.

Aanaa Yamaaloogii Walal ganda Loomica Cabal bakka addaa Haadha Uggaa jedhamutti dargaggoota lama kanneen maqaan isaanii: 

  1. Daagim Magarsaa fi 
  2. Abdii Tsaggaayee 

jedhaman Amajjii 22, 2025 halkan manaa fuudhanii rasaasa itti roobsuun Daagim battalumatti lubbuun yoo darbu, Abdiin immoo madaa’ee lubbuun hafuun yaalamaa akka jiru maddeen Arraata Biyyooleasa Oromiyaatti himan.

Exit mobile version