ONM-ABO Fulbaana 13, 2023
Shirri guddaan Oromiyaa keessatti murnoota bilxiginnaan hawaasa irratti raawwatamaa jiru ajjeechaa fi diinagdee sabichaa irratti xiyyeeffachuun, qabeenyi hawaasaa loltoota sirnichi bobbaaseen saamamaa jiraachuu jiraattotni himatu.
Oduu saamichaan walqabateenis, maqaa sakatta’iinsa WBOn godina lixa Wallaggaa aanaa Mana sibuu ganda Idooroo Toobbaraa fi ganda Qoqoraa jedhamutti kan boobbaafame waraanni PP, qabeenya namoota hedduu konkolaataa 7n fe’atanii magaalaa Mandiitti geessuu maddeen himan.
Ganda Idooroo Toobbaraa bakka adda Cinnaaloo jedhamutti nama maqaan isaa obbo Geetachoo Margaa jedhamu jalaa qullubbii diimaa ardaba 2, ganda Qoqoraa Bakka addaa gabaa jimaatee jedhamutti ammoo obbo Isiyaaq Taammanee, Obbo Fiqaaduu Habtee fi Obbo Asfa’uu jalaa Qullubbii diimaa ardaba 15 fi dunkaana cabsuun mi’oota achi keessa jiru guutummaatti jalaa saamuu himuun, qabeenya namoota maqaan isaanii nu him ga’in hedduus bifuma kanaan kan saamanii fi naannoo Gumbii jedhamtutti ammoo zu 23 uummata irratti dhukaasuun Mana nama 1 gubuu maddeen himan.

