Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aanaa Cawwaaqaa Keessatti Hidhamtoota siyaasaa halkan hidhaarraa baasuun reebicha irratti raawwachaa jiraachuuun himame

ONM-ABO Onkoloolessa 3, 2023

Hidhaan hiree ilma Oromoo erga ta’e Kan bubbule impaayerattii keessatti, namni sanyiin isaa oromoo ta’e kamuu deggertoota WBOti jedhamuun saamicha, hidhaa fi ajjeechaan karaa waraana murni bilxiginnaa bobbaasuun irra ga’aa jira.

Onkololessa 2, 2023 godina Bunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa Keessatti hidhamtoota maqaa siyaasa bilxiginnaa hordofuu dhabdanii fi caasaa Waraana bilisummaa Oromoo babaldhisaa jirtu jechuun hidhamanii jiran walakkeessa halkanii sa’a 5:00 irratti mana hidhaatii baasuun reebicha irratti geggeessa jiraachuu Maddeen dubbatan.

Murni bilxiginnaa kunneen abboota , dargaggoota fi shammarran dabalatee namoota hidhanii jiran kanneen  reebicha irratti geggeessan kana kanaan booda waraanaa fi Qeerroo aanaa Cawwaaqaa Keessaa hin baastan taanaan hireen keessan du’a jechuun akka gidirsaa jiranis himame.

Exit mobile version