ONM-ABO Amajjii 22, 2024
Erga sochiin waraana bilisummaa Oromoo golee Oromiyaa guutuu keessatti taasifamuu eegalee kaasee murni bilxiginnaa faana sochii WBO hordofuutiin bakka waraanni WBO ga’e maratti hawaasa irratti dhiibbaa jajjabaa raawwachaa kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaa kanaas bifa haaraatiin itti fufee jira
Godina Bunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa keessatti saamicha, reebicha, hidhaa fi humnaan leenji milishummaatiif jechuun namoota hiraarsaa kan jiran milishootni sirna PP Amajjii 19, 2024 ganda Burqaa Barakaa keessatti namoota maqaan isaanii Shariif Adam, Huseen Ahimed, Jamaal Yaasin, Jamaal Umar, Abdallaa Ahimed, Abdoo Aliyyii fi Shaaziil Ahimed jedhaman reebicha jabaa irratti taasisuun oomisha midhaan milishootaaf oolchanii akka turan jiraattotni himan
Itti dabaluunis namoota maqaan isaanii: Eliyaas Nuuree, Yohaannis Tashoomaa, Abraahim Adam, Jaafaree Ahimed jedhaman reebicha erga irratti taasisaniin booda hidhaniin kan jiran yoo ta’u, Abdallaa Sahidee, Teedii Qannaa fi Leencoo Abdallaa kan jedhaman ammoo bilbiloota harkaa isaanii saamuun reebicha akka irratti taasisaniin beekameera.

