ONM-ABO Onkoloolessa 6, 2023
Akka jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti godina baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree keessatti buufataaleen fayyaa sababa hanqina qorichaan cufamanii jiraachuu ibsu.
Keessuma ganda Baqqoo Jimaatti buufatni fayyaa argamu qoricha fixne jechuun buufata cufanii jiru.
Dhukkabsataan gandichaa buufata aanaa itti dhiyoo kan aanaa Guutoo Giddaa deemanis uummata aanaa keenyaa miti isin jechuun hawaasa gidduutti gargaartee uumuun tajaajila osoo hin kenniniif deebisaa akka jiran dubbatu.
Kanaan dura murni faashistii PP aanaa Baqqoo Jimaa kana keessatti finxaaleyyii hidhachiisuun qabeenya uummataa saamsisee waan tureef hawaasni waan ittiin mana yaalaa dhaqu dhabuun rakkoo hamtuu keessa jiraachuu kaasuun qoricha buufataalee magaalaa Siree keessaa waanti caasaan bilxiginnaa dhabamsiisaniif hawaasa baadiyyaa bulchiinsa isaanii jala hin jirre ittiin miidhuuf akka ta’e dabaluun ibsaniiru.

