Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa aanaa Leeqaa Dullachaa ganda Qubannaa Ambaltaa keessatti mudde 5, 2023 waraanni PP namoota nagaa 11 qabuun achi buutee dhabamsisuun beekame 

ONM-ABO Mudde 13, 2023

Baha wallaggaa aanaa Leeqaa Dullachaa keessatti namootni 11 waraana PPn ukkamfamanii achi buuteen dhabamuu fi saamichi yoo jabaatu, aanaa Sibuu Siree keessattis sababoota dhukkuba Busaaf namootni dhumaa jiraachuun himame.

Jiraattota butan kanneen qabeenyaa isaanii Kan jalaa saamanii fi doqdoqqee 4 jalaa yoo guban, namoota maqaan isaanii Keessaa nu ga’e muraasni:obbo Kumarraa qarshii kuma dhibba tokko (100,000), Usmaa’eel Adam doqdoqqee 1, Shifarraa Geetuu qarshii kuma saddeettama (80,000), Jamaal Xiqqoo, Mohaammed Hasan, Jaafar Saanii Doqdoqqee 1, Usmaa’eel Muusaa doqdoqqee 1, Mohaammed Raabii doqdoqqee 1 gubuun qabeenyaa isaanii saamuun ifoomeera.

Oduu biraatiin ammoo godina baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree ganda Baqqoo Jimaa keessatti rakkoo tajaajila fayyaa dhabuu fi buufataleen fayyaa cufamuu irraan Kan ka’e guyyaatti jiraattonni baay’inni isaani 5 ol ta’e dhukkuba Busaa kanaan du’aa akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version