ONM-ABO Onkoloolessa 6, 2023
Maqaa magaalaa biraa Finfinnee marsinee ijaarraa fakkaatuun kan eegale magaalli haaraan moggaasa Shaggar Siitii jedhuun dhufe hawaasa hedduu irraa mana diiguu fi lafa irraa buqqisuun rakkoo hawaasdinagdee akkasumas qorqalbiif saaxilee, waajjira keessattis komee hawaasaa furuuf hanga baatii ja’aatti akka deddeebisaa jiran jiraattootni komee isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Suursagaleen deggeruun komee bulchiinsa magaalaa Shaggar kan kutaa magaala Furii jedhamtuu yeroo ibsan abbaan dhimmaa yeroo hundaa akka lafa gabaatti dhaabbatee gidiraa argaa oola jechuun rakkoon namootaa baatii ja’a deddeebi’uun osoo hin furamin hafes akka jiru dubbatan.
Ijaarsa maqaa magaalaa Shaggariin eegalame namoota hedduu mana maleeyyii taasisus hojjettoota bulchiinsa magaalaa hanga milishaa gandaatti ammoo bu’aa qabeessa akka taasise himuun, namootaaf dhimmi isaanii lafa jala waajjiraa alatti dhumaa akka jiru ibsan.
Warreen dhugaa isaanii dhaabbatanii gaaffii isaaniif deebii eeggatan guyya guyyaan deddeebi’anii rakkachaa jiraachuu kaasuun, namootni kun filannoo waan hin qabneef deddeebi’uun dirqama itti ta’eera jedhu.
Rakkoon kun kutaa magaalaa Furii qofa osoo hin taane Buraayyuu, Laga Xaafoo fi Sulultaa keessattis hammaachuun hawaasni haala qaala’iinsa jireenyaatti dabalee dhimmootni mootummaa irraa deebii ga’aa dhabuu jiraachuuf yaaddoo guddaa itti uumee jiraachuu namootni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko ibsaniiru.

