SQ-Onkoloolessa 7/2023
Guutummaa Oromiyaa keessaatti humnoonni Mootummaan Bobbaafaman uummata irraatti gaga’ama qaqabsiisa jiru.
Onkoloolessa 6/2023 Hawwaasa Ayyaana Irreechaaf Qopha’aa jiru bakka tokkootti ajjeesan.
Giddu Galeessa Oromiyaa Ona Booraa Araadda Araddaa Qorkee gosee Fi Qorkee Adaamaa keessaatti Namoota nagaa Rashanaan.
Namoonni Kuneenis, Kan Ona Booraa:
1. Ifaa Machii
2. Lammii Machii
3. Hordofaa Roobaa
4, Birraa Badhaasoo akkasumas obboleessa Hordofaa Roobaa kan Goobanaa Roobaa bakki geessan hin beekamu.
Akka Maddeen Sagalee Qeerroo himaniitti Araddaa Lamaanirra namoota Nagaa 16 akka ajjeefamaniis himaniiru.

