ONM-ABO Onkoloolessa 7, 2023
Humnoonni Oromoo of fakkeessuun eenyummaa Oromoo balleessuu irratti xiyyeeffatanii hojjetaa jiran PPn, namoota Ayyaana Irreechaa kabajachuuf qophii taasisaa turan obbolaa lama dabalatee bakka tokkotti Jumulaan ajjeesuu maddeen keenya himan.
Onkoloolessa 6, 2023 Baha Shaggar Aanaa Booraa Araddaa Qorkee gosee fi Araddaa Qorkee Adaamaa jedhamtu keessatti Loltootni sirnichaa namoota 16 kan ajjeesan yoo ta’u, namoota ajjeefaman keessaas ammaaf kan maqaa arganne; Ifaa Machii fi Lammii Machii obboleeyyan lamaan, Hordofaa Roobaa fi Birraa Badhaasoo kanneen jedhamanii fi obboleessa Hordofaa Roobaa nama Goobana Roobaa jedhamu ammoo hanga ammaatti bakki buusan hin beekamin jiraachuun himame.
Akka maddeen keenya himanitti araddaa kanneen lamaan irraa namootn 16n ajjeefaman yakka biraa qabaatanii Osoo hin taane, sababni guddaan Oromummaa fi sabboonummaa isaan qaban ta’uus ONMtti himan.

