• Wed. Mar 25th, 2026

Baha Shaggar aanaa Booraa keessatti Loltootni PP namoota 16 kan Ayyaana Irreechaaf qopha’aa turan jumlaan ajjeesuun dhaga’aame

Oct 8, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 7, 2023

Humnoonni Oromoo of fakkeessuun eenyummaa Oromoo balleessuu irratti xiyyeeffatanii hojjetaa jiran PPn, namoota Ayyaana Irreechaa kabajachuuf qophii taasisaa turan obbolaa lama dabalatee bakka tokkotti Jumulaan ajjeesuu maddeen keenya himan.

Onkoloolessa 6, 2023 Baha Shaggar Aanaa Booraa Araddaa Qorkee gosee fi Araddaa Qorkee Adaamaa jedhamtu keessatti Loltootni sirnichaa namoota 16 kan ajjeesan yoo ta’u, namoota ajjeefaman keessaas ammaaf kan maqaa arganne; Ifaa Machii fi Lammii Machii obboleeyyan lamaan, Hordofaa Roobaa fi Birraa Badhaasoo kanneen jedhamanii fi obboleessa Hordofaa Roobaa nama Goobana Roobaa jedhamu ammoo hanga ammaatti bakki buusan hin beekamin jiraachuun himame.

Akka maddeen keenya himanitti araddaa kanneen lamaan irraa namootn 16n ajjeefaman yakka biraa qabaatanii Osoo hin taane, sababni guddaan Oromummaa fi sabboonummaa isaan qaban ta’uus ONMtti himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading