ONM-ABO Onkoloolessa 16, 2023
Akkuma beekamu murni bilxiginnaa hidhattoota isaa sabaan Oromoo ta’aan keessaa filee Amaaraa keessatti bobbaasuun warreen Amaara ta’aan ammoo Oromiyaa keessa hedduuminaan qubachisuun ni beekama, hidhattootni kunneenis saba Oromoo irraa jibbiinsa qabaniif jecha sababa tokko malee dhiiga ilmaan hiyyeessaa lolaasaa oolu.
Uummanni Oromoos yeroo ammaa karaa tokkoon finxaaleyyii Amaaraa Faannoo ofiin jedhaniin ajjeefamaa karaa biraan ammoo hidhattoota sirnichaan ajjeechaan daangaa hin qabne irratti raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Tulluu Milkii keessatti waraana faashistii PPn haadhaaf ijoollee dabalatee ajjeefamaniiru.
Namoonni nagaan hidhattoota sirnichaan Haaloo waraannii Bilisummaa irratti fudhateef jecha ajjeefaman kunneen Asaffaa Simee, Abdoo Irranaa, Gabayyoo Gammachuu, Damisee Sagguu, Shuree Kaaftamuu ijoollee ishee lama waliin, Innaatuu Siyyuumee, Leelloo Siyyuumee fi Tigist Wasarbii kanneen jedhaman qe’ee abbaa isaanii irratti haala suukanneessaan ajjeefamaniiru.
Akka jiraataa gandichaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko jedhettis namoonni ajjeefaman kunneen mana isaanii keessaa gadi waamamuun maal akka balleessan osoo itti hin himin jumlaan rasaasaan tumanii ajjeesan jechuun, namootni ajjeefaman kunneenis qonnaan bultoota hojii qonnaa irratti bobba’uun jiraatanii fi siyaasa keessaa harka hin qabneedhas jechuun dubbateera.

