ONM-ABO Onkoloolessa 18, 2023
Aanota godinoota Shaggar lixaa jalatti argaman keessatti ajjeechaan loltoota impaayerattiin ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa jiru jabaachuun, guyyaa irraa gara guyyaatti lubbuun namoota nagaa gara laafinaa fi naasuu tokko malee dhabamsiifamaa jira.
Godina Lixa Shaggar aanaa Jalduu magaalaa Goojjoo ganda 01 keessatti dargaggeessi Oromoo barataan kutaa 9ffaa maqaan isaa Abbabaa Birhaanuu jedhamu Dheengadda jechuunis Onkoloolessa 16, 2023 galgala loltoota gara jabeeyyii koloneel Abiy Ahimediin bobbaafamaniin rasaasaan rukutamee du’uu maddeen himan.
Barataan ajjeefame kun maatii fi hawaasa keessa jiraatu biratti nama kabajaa fi jaalala guddaa qabuu fi naamusa isaan kan beekamu yoo ta’u, hirmaannaa siyaasaa kam keessaa nama qooda hin qabne akkasumas barnoota isaa irraa qabamuun balleessaa tokko malee kan ajjeefame ta’uu maddeen dabaluun ibsan.

