Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Loltootni murna bilxiginnaa Shan lixa Shaggar aanaa Jalduu fi meettaa Roobii keessaa gooticha waraana bilisummaa Oromootti harka laattachuun himame

ONM-ABO Onkoloolessa 20, 2023

Mooraa dabaan ijaarame hin utubnu Kan jedhan miseensotni raayyaa ittisa Impaayera Itoophiyaa dhalattoota Oromoo ta’aan danuun, dhiibbaa sirnichi hawaasa Oromoo irratti gochaa jiru balfuun gooticha waraana bilisummaa Oromootti makamuu jabeessanii jiru.

Bifuma kanaanis dheengadda Onkoloolessa 18, 2023 godina lixa shaggar aanaa Jalduu fi aanaa Meettaa Roobii keessaa miseensonni waraana PP shan WBOtti makamuu kan ibsan maddeen waraana bilisummaa Oromoo gamasii, miseensotni kunneenis rakkoolee hedduun siyaasaan dabaalamee ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa jiru akka nuti fincillee baanu nu godhe jechuun dubbatu.

Simannaa ho’aan Karaa WBO akka taasifameefis maddeen dubbachuun aanaa Jalduu Mooraa Osolee irraa namootni 3 qawwee AKM sadii hidhannoo guutuu waliinii fi aanaa Meettaa Roobii Mooraa gabaa jimaataa irraa ammoo namootni 2 AKM 2 hidhannoo waliin baasuun Mooraa Qabsoo bilisummaa Oromootiif galii taasisaniiru.

“Soogidda soogiddaan cabsu”akkuma jedhame akeekni PP ilmaan Oromoo wal ficcisiisuudha, Impaayerri Itoophiyaa farra uummata Oromooti, ekeraa Minilik boqochiisuuf ilmaan Oromoo dhamaasu Kan jedhan loltootni kunneen, Oromoo ta’ee Kan dhalate Oromummaa isaa  hubachuun sirnicha tajaajiluu irraa of qusachuu qaba jechuunis Dhaamsa dabarfataniiru.

Exit mobile version