Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii keessaa loltootni raayyaa ittisa impaayerattii torba WBOtti harka kennatan

ONM-ABO Onkoloolessa 3, 2023 

Hacuuccaa fi dhiittaa mootummaa abbaa irreen uummata nagaa irratti adeemaa jiru balfuun ilmaan Oromoo dirqamaan sirnicha  akka tajaajilaniif qabamanii adda waraanaa deeman, carraa argatanitti fayyadamuun gara qabsoo haqaatti makamaa jiru.

Haaluma kanaanis Onkoloolessa 31, 2023 loltootni murna bilxiginnaa tajaajilaa turan torba mooraa lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii keessaa qawwee fi hidhannoo guutuu waliin gooticha waraana bilisummaa Oromootti makamaniiru.

Loltootni kunneenis AKM 7 rasaasa AKM 1560, boombii 14 fi hidhannoo guutuun WBOtti kan makaman yoo ta’u, kallattii waraana bilisummaa Oromoonis simannaa ho’aan taasifameeraaf.

Akka loltootni kunneen jedhanitti ilmaan Oromoo balleessaa isaanii malee ajaja olii kennameen ajjeefamaa jiru, kun ammoo Oromoo lafa irraa duguuguuf waan karoorfatamee hojjatamaa jiru waan ta’eef saba keenyatti dhukaasuu irra saba keenyaaf dhukaasuu wayya jennee itti amanuun waraana Bilisummaa Oromootti makamuu murteessine jedhaniiru.

Itti dabaluunis waliigalteen mooraa isaanii keessa akka hin jirre kaasuun, sabaan wal qoodinsi Oromoo fi Amaara gidduutti deemaa jira, ilmaan Oromoo hedduunis ati waraana bilisummaa Oromoo waliin walitti dhufeenya qabda jechuun mooraa isaanii keessatti ajjeefamaa fi hidhamaa jirus jechuun dubbatan.

Dhuma irrattis lola bu’aa hin qabnee fi saba keessan lafa irraa duguuguuf adeemsifamaa jirutti akka bobbaataniif, meeshaa gabroomfataan isinitti kenne bu’aa qabsoo Saba keessaniif oolchuuf fudhadhaa kottaa WBOtti makamaa jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru.

Exit mobile version