ONM-ABO Onkoloolessa 20, 2023
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii GG tarkaanfii waltajjii Oromiyaa iddoolee garaagaraatti fudhateen injifannoo cululuqaa gonfatee jira.
Haala kanaanis kaleessa Onkoloolessa 19, 2023 tarkaanfii konyaa Salaale Balkan Alii Dooroo fi magaalaa Shinoo karaa guddicha Gojjam deemu irratti sa’a wal fakkatatti fudhateen humni diina 50 battalatti yoo ajjeesu 67 madoo dandammii hin qabneen adabamee jira.
Godichuma Ona Warra Jaarsoo keessatti patroolii humna diinaa nama 15 feetee deemtu irratti haxxeen tarkaanfii fudhatee 6 battalatti dhabama yoo godhi 9 madoon adabee jira.
Oraalin tokko humni reebduu magaalaa Fiichee irraa gara Dagam fiigduu garagaltee daaraa taatee jirti.
Tarkaanfii Finfinneetti dhiyeenyaan gooticha Waraana Bilisummaa Oromoon fudhatamaa ture kanaan gama meeshaan AKM 35 , meeshaalee duubatti hafaa hedduu, PKMk 2 fi meeshaalee garaagaraa dugda diinaa irraa hiikun qabsoof galii godhee jira.
Akkasumas tarkaanfii guyyuma kaleessa ona Ada’aa Bargaa magaalaa Jimaataa fi Booroo keessatti Cibraa Badhoo Dachaasiin fudhatameen humni diinaa 49 battalatti yoo duutu kan facaatee baddee hedduu dha.
Lola kanaanis humni diinaa baraguun moortara 5 dhukaasaa turte.
Gama meeshaan PKM 2, Sniper 2 fi AKM 28 meeshaalee garaagaraa waliin irraa hiikuun qabsoof galii godhee jira.
Weerara Cibraan Risaa laga Mogor magaalaa shukutee irratti taasiseen humna diinaa 22 ol ajjeesuun kan hafte baqattee boollatti galuun barameera.
Injifannoon Uummata Oromoof!

