ONM-ABO Onkoloolessa 21, 2023
Akka miidiyaaleen garaa garaa dubbatanitti dheengadda Onkoloolessa 19, 2023 dooniin waraanaa humna galaanaa U.S. misaa’ela sadii fi diroonii hedduu Yaman irraa gara Isiraa’elitti humnoota Huutiin dhukaafaman qolatee buusuu Peentaagoon ibseera.
Torban darbe hoogganaan garee finciltootaa Abdel-Malek al-Huthi, Ameerikaan waldhabdee Isiraa’elii fi Hamaas gidduutti deemaa jiru keessa akka hin seenne kan akeekkachiisan yoo ta’u, Ameerikaan kan seentu yoo ta’e, humnoonni isaanii diroonii fi misaa’ela dhukaasuun haaloo ba’u jechuun doorsisaa turaniiru.
Bulchiinsi Baayideen qaama paakeejii nageenya biyyaalessaa jedhuun wal dhabdee Yuukireen fi Isiraa’el keessatti uumameef gargaarsa nageenyaa ni kenna jedhaniif doolaara biiliyoona 105 ol Koongireesii irraa gaafachaa kan jiru yoo ta’u, maallaqni kun “dhiibbaa namoomaa addunyaa weerara gara jabinaa Raashiyaan Yukireen irratti raawwattee fi haleellaa suukaneessaa Hamaas Israa’el irratti raawwate, akkasumas lammiilee nagaa Gaazaa keessa jiraniif gargaarsa namoomaa babal’isuuf kan oolu ta’u CNN kaleessa balballoomsee jira.
Addunyaan lola Yuukireenitti xiyyeeffannoo kennuun irratti hojjechaa kan turte yoo ta’u, haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 Isiraa’el irratti raawwateen booda, tarkaanfii haaloo ba’iinsaa Isiraa’el fudhachaa jirtuun miidhaa lammiilee nagaa irratti raawwatamu biyyootni fi namootni bebbeekamoon hiriiraan dabaaluun balaaleffachaa jiru.
Haleellaa Finciltoota Hamaasiin Israa’el irratti raawwateenis Israa’elotni dhibbentaa 80 ta’an dadhabina bulchiinsa Biniyaamiin Nitaanaa’ooti jechuun qeeqaa jiraachuu Aljazeeraan dubbisiiseera.

