Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kaaba Shaggar Aanaa Darraa keessatti Waraanni Goolessaa PP dargaggoota lama bakka hojii isaaniitii qabuun rasaasa itti roobsee ajjeese

ONM ABO, Onkoloolessa 23, 2022

Dargaggoota abdii borii kichuutti kutuun kan beekamu PPn maqaalee gara garaa itti moggaasuufi ilaalcha siyaasaa itti maxxansuun ajjeesaa kan oolu yoo ta’u, Kaaba Shaggar Aanaa Darraa keessatti dargaggoota lama bakka hojii isaaniitii qabanii rasaasa itti roobsuun akka ajjeesan jiraattonni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen keenya jedhanitti Waraanni PP aanaa Darraa keessatti WBO akka sakatta’aniif dirqamni itti kennamee kan ture yoo ta’u, akkuma magaalaa irraa ba’aniin lolli irratti banamuun namoonni heedduun irraa du’uun, gara magaalaatti deebi’anii dallansuu isaa uummata irratti dhukaasa akka bananiifi, dargaggoota maqaan isaanii Mogos Araggaafi
Baqqalee Tonnaa jedhaman badii tokko malee bakka hojii isaaniitii qabuun rasaasa itti roobsanii fuula hawaasaa duratti ajjeesuun gatanii deemaniiru.

Onkoloolessa 22, 2023, Aanaa Darraa iddoo Addaa Wagidii jedhamutti lolamuun WBO baqatanii gara magaalaatti erga dacha’aniin lola uummata irratti kan banan yoo ta’u, dargaggoota lameen erga ajjeesanii boodas Uummata heedduu qabanii gara mana hidhaatti guuraa akka turanis dabaluun addeesdaniiru.

Aanaa Darraa keessatti bulchitoonni aanichaafi Faannoon waliin ta’uun WBO bakka sanaa baasanii to’annoo Faannoo jala galchuuf hojjetaa kan jiran yoo ta’u, yeroo WBO Faannoo lolu, Waraanni mootummaa Faannoo gargaaree WBO lolaa akka ture jiraattonni Aanaa Darraa ni dubbatu.

Exit mobile version