ONM-ABO Mudde 16, 2023
Finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon naannoo Amaaraa Magaalaa Reemaa irraa daangaa Oromiyaa cabsanii seenuun aanaa Darraa keessatti namoota nagaa irratti dhukaasa bananii nama 1 yoo ajjeesan namni 2 ammoo haala ulfaataan madaa’uun mana yaalaa Gundoo masqalitti yaalamaa jiraachuu maddeen gabaasaniiru.
Bulchaan aanaa Darraa obboo Shiibashii Ayyaalaw fi itti aanaan isaa Aallabbaachaw Haayila maariyaam jedhamu humnoota Finxaaleyyii kanaaf deeggarsa taasisaafii jiraachuun kan heeran maddeen, uummatni akka waliif hin birmanneefis raayyaa ittisa impaayerattiin Doorsisaa maqaa WBOtiinis uummata saamsisaa jiraachuun himaniiru.
Oduu biraatiin ammoo Mudde 13, 2023 Kaabuma Shaggar aanaa Darraa keessatti Loltootni Faashistii Bilxiginnaa bakka Qarree waagiddii jedhamu taa’uun uummata Oromoo Iluu waayyuu fi Baabbuu Dirree irratti meeshaa guddaa dhukaasuun dubartoota 2 yoo ajjeesan nama lama 2 ammoo madeessuun mana yaalaa Gundoo masqalitti yaalamaa jiraachuu fi du’aaf jireenya gidduu kan jiran ta’uunis beekame.
Uummatni Oromoo Kaaba Shaggar aanaa Darraa miidhaa gurguddaa Kallattii sirnichaan irratti raawwatamaa jiruun haala ulfaattuu keessa jiraachuu kan himan yoo ta’u, hawaasni baadiyyaa aanichaa keessa jiran hedduunis buqqa’aanii baqachaa jiraachuu dubbatu.

