• Wed. Mar 18th, 2026

Hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo jedhaman godina kaaba shagar aanaa Darraa keessaa barsiisota lama butuun dhabamsiisan 

Apr 29, 2023

ONM-ABO Eebila 29, 2023

Tumsa murna bilxiginnaatiin kan ijaaraman finxaaleyyiin Amaaraa Faannoo jedhaman abjuu abbaa isaanii Ninilik durii dhugoomsuuf, ilmaan Oromoo morma muruun, ajjeechaa suukkanneessaa, saamichaa fi manneen uummata nagaa barbaadeessaa kan jiran, gocha badii isaanii kana godina kaaba Shaggar keessatti jabeessanii jiru.

Haaluma kanaan dheengadda jechuun Kamisa Eebila 27, 2023 hidhattootni Faannoo Amaaraa daangaa cabsanii seenuun godina kaaba Shaggar aanaa Darraa ganda Ceekaa keessaa barsiisoota maqaan isaanii Tuujubaa Likkaasaa fi Alamuu jedhaman hojjettoota isaanii ammaaf maqaan isaanii nu hi qaqqaabne waliin butamuun hanga gabaasni kun qindaa’etti eessa akka jiran hin beekamin kan jiru yoo ta’u, firoonni fi hawaasni naannoo iyyaaffatanis hin argamne.

Humnoonni badii finxaaleyyii Amaaraa Faannoo jedhaman kun ilmaan Oromoo ajjeessuu, saamuu, qe’ee irraa buqqisuu fi manneen uummata nagaa barbadeessuun qe’ee Oromoo goolaa kan jiran yoo ta’u, jabaachuu isaaniif ammoo maallaqaa fi leeccalloo murna bilxiginnaa irraa argataniin akka ta’e deggersi gargaarsaa mootummaan naannoo Oromiyaa fi bulchiinsi magaalaa Finfinnee taasisaa ture ragaadha.


Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading