• Sun. Jun 4th, 2023

Godina lixa Harargee aanaa Gumbii Bordooddeetti namoota nagaa  hidhuun jabaate

Apr 29, 2023

ONM-ABO Eebila 29, 2023

Impaayera mirgi ilmaan Oromoo keessatti hin kabajamne fi nagaan ba’anii galuun ulfaate keessatti Ilmaan Oromoo bakka hojii idilee isaanii fi bakkeewwan garaagaraatii adamsamuun qabamanii hidhamaa jiru.

Kaleessa ganama Eebila 28, 2023 godina lixa Harargee aanaa Gumbii Bordooddee ganda Kurfaa Mooyyee keessatti namoota nagaa jiruu fi jireenya isaanii geggeeffatan waraanni maafi’aa bilxiginnaa qabuun reebicha ulfaataa erga irratti raawwatanii booda mana hidhaatti darbatanii jiru.

Namoonni nagaan mana hidhaatti darbatamuun dararamaa jiran maqaan isaanii Ahimed Muusaa Alii, Adam Usmaayiloo Nuuree fi Ahimed Adam Ayaaquum jedhamu qabuun waajjira poolisii aanaa Gumbii Bordoddeetti hidhuun dararaa akka jiran maddeen Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoonni mana hidhaatti dararamaa jiran kun qooda fudhannaa siyaasaa kamiyyuu kan hin qabnee fi hawaasa naannoo isaanii keessatti jaalalaa fi kabajaa akka qaban maddeen dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply