• Sun. Jun 4th, 2023

Godina baha Wallaggaa ona Gudayyaa Biilaa keessatti finxaaleyyiin Amaaraa ilmaan Oromoo ajjeessuu fi qabeenya uummataa saamuu itti fufan 

Apr 29, 2023

ONM-ABO Eebila 29, 2023

Humnoonni badii finxaaleyyii Amaaraa Faannoo fedhii babal’ifannaa lafaaf jecha, kallattii garaa garaan daangaa Oromiyaa cabsanii seenuun qonnaan bultoota Oromoo ajjeessaa, qe’ee irraa buqqisaa, manneenii fi qabeenya miliyoonatti tilmaamamu jalaa barbadeessaa turan har’as itti jiru.

Humnoonni badii finxaaleeyyii Amaaraa kun murna biltsiginnaatiin tumsamuun irree isaanii babal’ifatanii uummata Oromoo irratti ajjeechaa suukkanneessaa fi saamicha geggeessuu itti fufuun, godina baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa ganda Abbaay Daallee bakka addaa Gubbiin jedhamu keessatti dheengadda ganama Eebila 27, 2023 maanguddoo ganna 70 Obbo Shuuloo Goobooshoo fi Yaaddessaa Gaaddisaa namoota jedhaman ajjeessanii jiru.

Kana malees ganda Abbaay Daallee kana keessatti nama Darajjee Alamaayyoo jedhamu jalaa loon 16 yoo ooffatan, Geetaachoo Hundarraa jalaas loon 19 kan ooffatan yoo ta’u, walumaagalatti namoota maqaan isaanii nu hin  qaqqabne dabalatee humnoonni badii kun loon uummataa 150 ol ta’an ooffachuun saamicha daangaa darbe raawwachaa jiraachuun beekameera.

Leave a Reply