Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Shaggar Aanaa Darraatti Raayyaan Ittisa Impaayerattii fi finxaaleeyyiin Amaaraa waliin ta’anii dargaggoota Oromoo ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisan

ONM-ABO Fulbaana 28, 2024

Yeroo adda addaatti finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoo jechuun of waaman laga Mormor ce’anii deggersa qaamolee murna garboomfataa PP irraa argataniin ilmaan Oromoo cufa irratti daba cimaa raawwachuu irratti argamu.

Haaluma kanaan, Kaaba Shaggar aanaa Darraatti Raayyaan Ittisa Impaayerattii finxaaleeyyii Amaaraa waliin ta’uun dargaggoota Oromoo ukkaamsanii achi  buutee dhabamsiisuun eeramee jira.

Aanaa Darraa mandheeffachuun dararaa hamaa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa kan oolan finxaaleeyyiin Amaaraa gargaarsa ergamtoota bilxiginnaa irraa argataniin gocha jibbiinsaa raawwachaa kan jiran yoo ta’u, Raayyaan Ittisa Impaayerattii koorii 25’ffaa kan ta’e  Fulbaana 24, 2024 konkolaataan magaalaa Adaree jedhamu irraa gara magaalaa Fiichee imalaa ture warreen sabaan Oromoo ta’an karaa Salalkullaa jedhamuun beekamu irra deeman finxaaleeyyii Amaaraa waliin ta’uun dargaggoota afur kanneen maqaan isaanii adda hin baane ukkaamsanii achi buutee  isaanii dhabamsiisuu jiraattonni itti dabaluun  himan.

“Raayyaan Ittisa Impaayerattii fi finxaaleeyyiin Amaaraa hariiroo guddaa waliin qabu, osoo loltoonni kun achi jiranii finxaaleeyyiin Amaaraa dargaggoota 4 ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisan, maqaan dargaggoota kanaa adda baasuu hin dandeenye jedhu jiraattotni.

Jiraattota ganda Birjee, Bachoo Waajituu, Bayyoo fi Bayyoo Dirree Margajaa kanneen jedhaman irraa  ukkaamfaman loltoonni bilxiginnaa finxaaleeyyii Amaaraaf haala mijeessuun ukkaamsisaa jiru kan jedhan namootni keessa beekan, Bilxiginnaan maqaa nageenya eegsisuun bobba’an gama hundaan dararaa hawaasaa hammeessuun uummatni akka abdii kutatu  irratti  hojjechaa akka jiran ni beekama.

Exit mobile version