Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abaaboo Guduruutti finxaaleeyyiin Amaaraa ilmaan Oromoo ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 19, 2024 

Finxaaleeyyiin Amaaraa godinaalee Oromiyaa bakkoota adda addaa keessatti deggersaa fi tumsa ergamtoota maafiyaa PP’n bobbaafamuun, uummata Oromoo qe’ee fi qabeenyaa isaa irratti badii tokko malee yakkuun gochoota gara jabinaa garaa garaa dhaggeettii gurraafuu hin tolle irratti raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Aanaa Abaaboo Guduruu ganda Mootii Qawoo bakka addaa Marar jedhamu keessaa ji’a darbe keessa Sadaasa 22, 2024 finxaaleeyyiin Amaaraa daangaa qaxxamuranii naannoo Oromiyaatti ce’uun dargaggoota Oromoo kanneen maqaan isaanii:

  1. Abdii Dajanee,
  2. Kaasahuu Qixxeessaa fi
  3. Hundee Birriisaa jedhaman harroota 4 waliin ukkaamsuun gara naannoo Amaaraa Goojjam geessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, dargaggoonni kunneen dhalattoota godina Lixa Shaggar aanaa Calliyaa ganda Walqixxummaa ta’uu himuun, isaanis Obbo Naggasaa Misgaanaa nama jedhamu biratti qacaramanii hojii guyyuu hojjechuun kan of jireessanii fi yeroo ammaa kanas erga butamanii haalli nageenya isaanii maal irra akka jiran kan hin beekamne ta’uu dubbatu.

Exit mobile version