Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Muummichi Ministeeraa Isiraa’el Hizbullaan waraana kana seenuun gaagaa’ama guddaa fida yoo jedhan, gargaarsi lammiilee Faalasxiiniif deemaa jiraachuu gabaasni Aljeeziiraa ibse

ONM-ABO Onkoloolessa 23, 2023

Muummichi Ministeeraa Israa’el Netaaniyaahuun gareen Finciltootaa Libaanos Hizbullaah’n Israa’el waliin adda waraanaa lammaffaa akka hin banne akeekkachiisuudhaan, Hizbollaah’n Israa’el waliin lola kan seenu yoo ta’e, Israa’el deebii guddaa kan laattu ta’uu fi  Libaanos irratti “gaagaa’ama hamaa” akka fidu dubbatan.

Netaaniyaahuun naannoo daangaa Libaanositti komaandoowwan Israa’eliif ibsa kennan  “Hizbullaah guutummaatti waraana (Gaazaa) keessa seenuuf murteessuu fi dhiisuu isaa yeroo ammaa kana isinitti himuu hin danda’u.

Haa ta’u malee Waldhabdeen kun Israa’eliif “jiraachuu ykn du’u” jechuun dabalaniiru.

Akka CNN kaleessa dubbisiisetti Ameerikaan Israa’el lola lafoon Gaazaatti taasisaa jirtu akka tursitu jabeessitee gaafachaa jiraachuu fi tarkanfiin kunis lammiilee Israa’el Hamaasiin ukkaamfamanii jiran akka gadhiifaman ni taasisa jechuu ibsee jira.

Tarii White House kan dhimma lola qabbaneessuu gaafatteef yeroo lammiileen ishee gadhiifaman namoota Hamaas waliin dhimma waraanaa irratti waan wal dubbatan qabu jechuun xinxaltootni dubbatu.

Oduuma naannoo Gaazaan wal qabatuun  Konkolaattonni gargaarsaa 17 lammiilee Faalasxiiniif Masrii irraa gara Gaazaatti qaxxaamuruu isaanii miidiyaaleen idil-addunyaa fi Masrii hedduun isaanii mul’isan.

Haa ta’uu malee fedhii hawaasa Gaazaa jiraniif guutuuf guyyaatti konkolaattonni fe’umsaa gara 100 akka barbaachisan UN tilmaameera. 

Rakkoo gargaarsa namoomaa Gaazaa keessatti uumame guutuuf Xiyyaaronni lama Qaxar irraa nyaata fi gargaarsa yaalaa toonii 87 fe’anii gara magaalaa El Arish Masriitti qajeeluun isaanii Ministeerri Dhimma Alaa Qaxar beeksiseera.

“Gargaarsi kun qaama deggarsaa Qaxar uummata Falasxiinotaaf sababa Israa’el boombii Gaazaa irratti dhoosteen haala rakkisaa namoomaa uumameen ta’uu ibsi ministeerichaa dabalee ibseera.

Exit mobile version