ONM-ABO Onkoloolessa 17, 2024
Israa’el haleellaa qilleensaa walduraa duubaan kaleessa Onkoloolessa 16, 2024 kibbaa fi baha Libaanos irratti raawwateen yoo xiqqaate namoota 23 ajjeestee 31 dabalataan madeessuun ishee barameera. Tarkaanfii kanaanis muummichi ministeeraa Israa’el Netaaniyaahuun dhukaasa dhaabuuf fedhii akka hin qabne irra deebi’anii ibsaniiru.
Dhaabbanni oduu seeraa Libaanos akka gabaasetti, haleellaan kibbaa keessatti raawwatame kun godinaalee Nabatiyee, Bint Jibeyil fi Marjaayuun, akkasumas Tire fi Jezzin irratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.
Baha Libaanositti haleellaan qilleensaa kun aanaa Zalee fi West Bekaa rukuteera.
Haasaa bilbilaa Imaanu’eel Maakroon waliin taasisaniin, daangaa kaaba ishee Libaanos waliin jiru irratti naannoo ittisaa akka ijaaramu erga cimsanii dubbatanii Netaaniyaahuun ammas dhukaasa dhaabuu akka hin fudhanne dubbachuun haleellaa kana geggeessan.
Israa’el Fulbaana 23 irraa eegalee Libaanos keessatti duula qilleensaa guddaa kan Hizboollaa irratti xiyyeeffate kan geggeessite yoo ta’u, namoota 1,500 ol ajjeesuu fi miliyoona tokkoo ol buqqisuun ishee ni beekama jechuun TRT World gabaaseera.
“Netaaniyaahuun Israa’el qophii kana (zoonii ittisa) kan hin kenninee fi Hizboollaan irra deebi’ee hidhachuu fi gurmaa’uu irraa hin dhowwine kamiyyuu irratti akka walii hin galle qulqulleesseera,” jedha waajjirri isaanii.

