ONM-ABO Onkoloolessa 25, 2023
Maqaa deggertoota WBO itti maxxansuun uummata jiruufi jireenya isaa gaggeeffatu qabanii yeroo dheeraaf murtii tokko malee erga hidhaniin booda, manneen hidhaa keessaa miliqsaa akka jiran odeessi nu dhaqqabaa jiru ni addeessa.
Haaluma kanaan Godina Arsii Bahaa Aanaa Shirkaa keessatti ilmaan Oromoo hirmaannaa Siyaasaa hoomaatuu hin qabne shakkiidhaan mana hidhaatti guuruun murtii tokko malee ji’oota heedduuf hidhanii rakkisaa erga turaniin booda Onkoloolessa 21, 2023 mana hidhaa aanichaa keessaa baasuun bakki buusan hin beekamne jechuun maddeen keenya gabaasaniiru.
Ilmaan Oromoo mana hidhaa sana keessatti dararamaa turuun achi keessaa dhabamsiifaman baay’inaan 14 kan ta’an yoo ta’u, maqaan isaaniis; Muhaammad Bakaroo, Muhaammad Ahimad, Abbattii Qaasim, Ahmad Abduu, H/Fattash Aadam, Damee Aadam, Sa’iid Fatoo, Nuuree Fatoo, A/Jabbaar Gambuu, Yuunee Huseen, Jamaal Huseen, Kamaal Kurub, Kadiir Maammaa, She Jamaal Ahimad kan jedhaman ta’uun ifoomee jira.
Akka aanaa Shirkaatti adda durummaan kaabinoonni dhimma kana raawwachiisaa jiran Ahimad Jamaaloo I/G W/Qonnaa, Ahimad Sh/Umaar I/G W/ bulchiinsaa fi Nageenya, I/G /W/Paartii kan ta’e Muhaammad Hajjii fi Huseen Hajii Bulchaa Aanaa akka ta’aanis maddeen keenya dabaluun ibsaniiru.

