ONM-ABO Fulbaana 5, 2025
Aanaalee Arsiin Bahaa qabdu hunda keessatti maqaa shakkii haala nageenyaa irraa qabna, ergamtoota Waraana Bilisummaa Oromooti fi haala yeroo jedhuun uummata mana hidhaatti guuranii furmaata tokko malee yeroo dheeraaf dararaa jiraachuu maddeen ifoomsan.
Akkuma unka suuraa kana irraa mul’atutti osoo ragaalee tokko tokko irratti hin argatanii fi erga achi geessaniis qoratanii yeroo irraa dhabanitti manuma hidhaa keessatti callisanii murtii tokko malee yeroo dheeraa namoonni turan hedduu ta’uus maddi unka kanaa ifoomsee jira.
Sirni nama nyaataan impaayera Itiyoopiyaa of harkaa qabu Bilxiginnaan kutaalee Oromiyaa hunda keessatti hawaasa nagaa dhoorkee jiruuf jireenya jibbisiisuun dargaggoonni biyya abbaa isaanii gara biyya ormaatti baqataa kan jiran yoo ta’u, shiftoonni Abiy Ahimed namoota naannoo keessatti argatan hunda mana hidhaatti guuranii dararaa jiraachuu unki ragaalee mana hidhaa sirnichaa keessaa ba’uu fi iyyanni hawaasni guyyaa irraa guyyaatti iyyatu ni addeessa.

