Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baalee aanaa Sawweenaa keessatti hoomaan Hawwaannisaa midhaan qonnaan bultootaa fixuun hawaasni rakkachaa jiraachuu fi gargaarsi farra hawwaannisaa kunis osoo hin qaqqabin jiraachuu jiraattonni dubbatu 

ONM-ABO Onkoloolessa 25, 2023

Oromiyaa keessatti hongee dabalatee dhukkubni busaa yeroo ammaa lubbuu namoota hedduu gaalafachaa akka jiruu fi qaamni biyyan bulcha ofiin jedhu gargaarsa tokkollee gochaa fi akka hin jirree jiraattotni dubbatu.

Yeroo ammaas dhukkuba busaa lixa Oromiyaa Begii fi Qondaala keessatti hammaatee jiruun lubbuun namoota hedduu darbaa kan jiru yoo ta’u,  gargaarsi ga’aan akka taasifamaa hin jirree fi du’aatiin namoota dabalaa jiraachuus ragaan jiraattota irra argame ni mul’isa.

Akkasuma godina baalee bahaa aanaa Sawweenaa keessatti hanqina rooba ga’aa dhabuu irraan kan ka’e hawaasichi dararamaa turuu fi yeroo ammaas hoomaa hawwaannisaa aanichatti qubateenis midhaan qonnaan bultoota hedduu jalaa yoo barbadeessu jiraattotni aanichaas rakkoo beelaa fi wantoota bu’uuraa jireenyaa dhala namaaf barbaachisan dhabuun rakkaachaa jiru.

Akka jirattota aanichaa tokko tokko Arraatni Biyyoolessa oromiyaa dubbise jedhanitti yeroo ammaas dargaggoonni hedduun gara biyyoota hambaa fi magaalota Oromiyaa tokko tokkotti godaananii akka jiranii fi gariin ammoo gara adda waraanaatti deemaa jirus jedhan.

Itti dabaluunis qaamni farra ittisa hoomaa Hawwaannisaa kana uummataaf dhiheesse akka hin jirree fi hawaasa beelaaf saaxilaman kanas homtuu akka bira dhaabbachaa hin jirres himuun egereen isaaniis yaaddessaa ta’uu dubbatu.

Exit mobile version