ONM-ABO Onkoloolessa 27, 2023
Gareen saamichaaf of qindeesse murni faashistii PP waraanaa fi dabballoota isaa uummatatti bobbaasuun saamicha raawwatu kan itti fufe yoo ta’u, ergamtootni PP uummataaf nagaan hin yaadne kun godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa gandoota akka Roophii Magaadaa, Budaa Magaadaa, aanaa Dugdaa Daawaa fi Malkaa Sooddaa keessatti namoota hojjetatee bula jedhan cufa irraa maallaqa buusii dhaabaa jechuun qarshii 100 fi deggersa jechuun qarshii 500 ol humnaan irraa guuraa jiru.
Namoota maallaqa kana hin kaffallu jedhan kan hidhan yoo ta’u, daandii darbuufuu naga’ee kafaltii akka ragaatti dhiyeessisaa jiraachuun barameera.
Bara darbe Godina Gujii keessaa aanotni muraasni gaagaa’ama waraanni faashistii PP midhaan jalaa barbadeessuun mudateen alatti hongee sababa gammoojjummaan mudateen rakkoo guddaa hanga lubbuun namootaa darbutti qaqqabe irraa osoo hin dandamanne weerarri dhibee daddarbaa busaa eegaluu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Dhibeen kun bal’inaan aanaa Bulee Horaa gandoota hedduu keessatti mul’achuun mana tokko keessaa hangi nama shanii dhukkubsatee ciisuu fi namootni du’aa jiraachuu kan nuuf himan jiraattotni, rakkoo kana karaa yaalaa furuuf illee buufatni fayyaa hedduun sababa hanqina qorichaan tajaajila dhaabanii jiraachuu dubbatu.
Aanaa Bulee Horaan alattis aanotni godinichaa hedduun dhibee kanaan rukutamanii jiraachuu himuun, dirmannaan qaamolee garaagaraa akka barbaachisu dhaammattaniiru.

